Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasaa jijjiiruuf hojiilee gurguddoo hojjechaa jira- Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Hagayya 27, 2015 (FBC) –Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu dhiyeessi oomishaalee gabaa ayyaanaa kutaa magaalaa Furii daawwateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa naannichaa jijjiiruuf hojiilee gurguddoo hedduu hojjachaa jiraachuu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Oomishaafi omshtummaa guddisuuf hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuus himan.

Rakkoo qaala’iinsa gabaan hiikuuf mootummaan meeshaalee bu’uuraa gatii madaalaawaa fi qulqullinaan dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru.

Faddaaltootaafi daldaltoota seeraan ala gabaa qaalessuuf socho’an too’achuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Magaalaa Shaggaritti qaala’iinsa jireenyaa hir`isuuf hojiileen hedduu hojjatamaa jiraachuu Kantiibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan eeraniiru.

Hojiin kutaan magaalaa furii dhiyeessii gabaarratti hojjate, magaalota biroof fakkeenya kan ta’u akka ta’es himameera.

Jilichi barattoota maatii harka qalleeyyii ta’aniif meeshaalee barnootaa gumaachuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.