Fana: At a Speed of Life!

Haala yeroo biyyaalessaarratti dhaabbile namoomaa DhMG’f ibsi kenname

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Haala yeroo biyyaalessaarratti dhaabbilee namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif ibsi kenname.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan haala yeroo biyyaalessaa ilaalchisuun haala namoomaa Naannoo Amaaraarratti dhaabbilee kannneeniif ibsa taasisaniiru.

Ibsa isaaniinis mootummaan haala namoomaa waliigalaa fooyyessuu fi dhaabbilee deeggarsaa waliin dhiyeessii saffisiisuuf kutannoo qabaachuu mirkaneessaniiru.

Yeroo ammaa Mootummaa Naannoo Amaaraaf pireezidaantiin haaraan muudamuu fi naannichi gara sochii idilee duraaniitti deebi’aa jiraachuu hubachiisaniiru.

Naannicha bakkoota hedduuttis tajaajiloonni bu’uuraa irraa deebiin eegaluun ibsameera.

Ambaasaaddar Misgaanuun, dhaabbileen deeggarsa namoomaas naannawaalee deeggarsi hatattaman barbaachisuutti keessumaa dhiyeessii nyaataa fi kanneen biroon barbaabaachisan hatattamaan akka hordofaman gaafataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.