Fana: At a Speed of Life!

Sababa hanqina galteetiin giddugalli tajaajila dhiqaa kalee dhaabbatee ture hojii eegale

Finfinnee, Hagayya 26, 2015 (FBC)- Sababa hanqina galteetiin torbanoota sadan darbaniif dhaabbatee kan ture giddugalli tajaajila dhiqaa kalee hojii eegaluu Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Giddugalichi, deeggarsa dhaabbilee garaagaraa fi dhaabbilee tumsitootaan guyyaa har’aa tajaajila kennuu eegaluu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Giddugalli tajaajila dhiqaa kalee waligaltee gamsadee Biiroo Fayyaa Finfinnee, Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Minilikii fi “Ye’aab Medical Center and Rehabilitation” jedhamuun kan hojjetuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.