Fana: At a Speed of Life!

Teeknooloojii duumessa misoomsuun bu’aan milkaa’aan galmaa’uun ibsame

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)-Diroonii fayyadamuun, jenereetara lafa fi to’annoo fageenyaa fayyadamuun yaaliin teeknooloojii duumessa roobsisuu taasisfame bu’aa qabeessa ta’uun ibsame.

Ministirri Ministeeraa Jallisii fi Naannwaa Gammoojjii Injiinara Ayishaa Mahaammad sagantaa yaaliichaarratti haasawaa taasisaniin naannawaaleen hanqina roobaa qabanii fi gammoojjiin rakkoo hongeef saaxilamoo ta’uu eeran.

Teeknooloojiin kunis rakkoo damichaan mul’atu furuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.

Ministeerichi jenereetaroota lafaa 60 duumessa misoomsuuf barbaachisan hojjechiisuun deeggarsa taasisuun jalqabbii walta’iinsaan hojjechuuti jedhaniiru.

Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Solomoon Sookaa gama isaaniin, fuuldurattis pirojektii duumessa misoomsuu naannawaa bal’aa haala uwwiseen hojjechuuf hojiileen bal’aan gaggeeffamaa jiru jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.