Fana: At a Speed of Life!

Gaaboonitti hoggantoonni waraanaa aangoo qabatan

Finfinnee, Hagayya 24, 2015 (FBC)- Gaaboonitti hoggantoonni waraanaa aangoo mootummaa qabachuu beeksisan.

Fonqolchi mootummaa gaggeeffamuun dura Koomishinii Filannoo biyyattii, Pireezidaantiin Biyyatti Alii Boongoon sagalee kenname %64.27 argachuun marsaa 3ffaaf filatamuu beeksise ture.

Buufanni Televiizhinii Gaaboon24 jedhamu hoggantoota olaanoo 12 dhiyaatan keessaa, Pireezidaanti Alii Bongoon irraa deebiin injifatan kan jedhame bu’aa filannoo gaggeeffamee haquu beeksiseera.

Dabalataan mootummaan giddugaleessaa Gaaboon, manni maree seeraa baaftuu, manni murtii heera mootummaa fi koomishiniin filannoo biyyattii ifatti diigamuun ibsameera.

Yeroo ammaas Pireezidaantiin biyyattii Alii Bongoon “Hidhaa Mana Keessaa” irratti akka argaman hoggantoonni waraanaa aangoo qabatan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.