Fana: At a Speed of Life!

Faawundeeshiniin “Bill and Melina Gates” deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu akka cimsu ibse

Finfinnee, Hagayya 24, 2015(FBC)- Sagantaan Misoomaa Idil Addunyaa Faawundeeshinii “Bill and Melina Gates” galma eegumsa fayyaa sadarkaa jalqabaa milkeesuuf deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu cimsee kan itti fufu ta’uu ibse.

Bootsiwaanaatti gaggeeffamaa kan jiru Waltajjii Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Ardii Afrikaa 73ffaa cinatti Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee dhugumaan Pireezidantii Sagantaa Misooma Idil Addunyaa Faawundeeshinii “Bill and Melina Gates” Dooktar Kiristoofar Elyaas waliin mari’ataniiru.

Dooktar Darajjeen maricharratti Itiyoophiyaan waggoottan darban du’aatii haadholii fi daa’immanii gama hir’isuutiin akkasumas dhibeewwan to’achuu fi ittisuutiin bu’aa argamsiisterratti ibsa kennaniiru.

Tajaajila talaallii fi karoora maatii waliin gahuun fayyadamummaa hawaasaa gama guddisuutiin faawundeeshinicha dabalatee gaheen dhaabbilee tumsitootaa olaanaa ta’uu eeruun, deeggarsichis cimee akka itti fufu gaafataniiru.

Keessuma jijjiirama qabeenyaa qilleensaa fi dhimmoota walqabatan biroo hordofee dhibeewwan weeraroo akka Kooleeraa, Busaa fi kanneen biroo to’achuuf deeggarsa gama hundaa akka taasisu gaafataniiru.

Dooktar Kiristoofar Elyaas gama isaaniin, Itiyoophyaatti fayyaa haadholii fi daa’immanii fooyyessuuf weeraroota dabalatee dhibeewwan ittisuu fi to’achuu irratti hojiileen hojjetamaa jiran bu’aa argamsiisuu ibsaniiru.

Dhiyeessii talaallii guddisuu, hojiilee to’annoo weerarootaa qindaa’aa, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu irratti galmoota qabaman milkeessuuf deeggarsi taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.