Fana: At a Speed of Life!

Magaalli Chaayinaa Harabiin magaaloota Itiyoophiyaa waliin tumsaan kan hojjettu ta’uu ibsite

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Magaalli Chaayinaa Harabiin magaaloota Itiyoophiyaa gita isheen waliin dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeesiisanirratti mari’atameera.

Chaayinaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Tafarraa Darriboon mana qopheessaa magaalaa Harbiinitti Itti Aanaa Daayrektara Waajjira Dhimma Alaa Zhii Gowaanguuwee waliin mari’ataniiru.

Dameewwan Turizimii, Aadaa fi Daldalarratti tumsaan hojjechuuf mari’achuu isaanii ibsameera.

Manni Qopheessichaa manneen Qopheessaa magaaloota Itiyoophiyaa waliin tumsaan hojjechuuf fedhii qabaachuu Zhii Gowaanguuween ibsaniiru.

Dhuma baatii kanaas jila isaanii fi hoggantoota olaanoo waliin Itiyoophiyaa kan daawwatan ta’uu kaasaniiru.

Chaayinaatti Embaasiin Itiyoophiyaa daawwannicha mijeessuuf qophii ta’uu Ambaasaaddar Tafarraan ibsaniiru.

Hariiroon eegalames sadarkaa caalutti akka ce’u hojjechuuf waadaa galaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.