Gatiin Xiyyaarota Waliigalaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa Doolaara biiliyoona 5.25 ta’uu eerame
Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Gatiin Xiyyaarota Waliigalaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa hojiirra jiranii Doolaara biiliyoona 5.25 ta’uu eerameera.
Kunis gatii xiyyaarota Afrikaa keessa jiranii % 32 kan uwwisu ta’uu ibsameera.
Akka gabaasa ch-aviation.comitti Itiyoophiyaan Xiyyaara imaltootaa 119 kan qabdu yoo ta’uu, Jeettiiwwan dhidhiphoo fi babal’oo 89 fi Turboopirooppiiwan 30 qabdi.
Booying 737 Maaksii 14 fi 787 Diriim laayinar 18, Eerbaasii A350-900 gatii olaanaa qaban 20 kan of keessatti hammate ta’uu gabaasichi eereera.
Gatiin Xiyyaaroota Itiyoophiyaa yeroo ammaa sadarkaa 2ffaarratti kan argamtu kan Ijipti % 50 caala jedhameera.
Daandiin qilleensichaa bara Faranjootaa 2035 tajaajila isaa dachaan guddisuun daandiiwwan qilleensaa addunyaa jiran keessaa dorgomaa cimaa ta’uuf karooftee hojjetaa jiraachuu eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.