Fana: At a Speed of Life!

Galmeen barattootaa bara 2016 eegalame – BBO

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Galmeen barnootaa bara 2016 eegalamuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa beeksiise.

Akka naannoo Oromiyaatti bara barnootaa 2016 jalqabuuf galmeen barattootaa Hagayya 23 hanga Qaammee 5,2015tti kan gaggeeffamu ta’uu Itti Aanaa Hoogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Obbo Girmaa Baayisaa ibsa miidiyaaf kennaniin himaniiru.

Bara kana akka naannoo Oromiyaattii barattoota miiliyoona 11.4 ol galmeessuun barnoota idilee akka hordofan taasiisuuf karoorfamuu Obbo Girmaan himaniiru.

Barattoonni maatii harka qalleeyyii barnootan ala akka hin taane qaamolee deeggartootaa waliin hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Kenna tajaajila lammuummaan alatti akka Biiroo Barnootaa Oromiyaatti meeshaalee barnootaa Birrii miiliyoona 53 oliin bitamee kan qoodamu ta’uu ibsameera.

Kalaanderii barnootaa bara kana haala qilleensaa giddu galeessa taasisuun aanaalee horsiisee bulaatti barnoonni Fulbaana 7, 2016 kan jalqabu yoo ta’u, iddoolee birootti ammoo Fulbaana 14, 2016 kan jalqabu ta’uu ibsaniiru.

Bahayiluu Baaneetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.