Fana: At a Speed of Life!

Bishooftuutti deeggarsa mootummaa Jaappaaniin Manni Kitaabaa ijaarame eebbifame

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC)- Magaalaa Bishooftuu Mana Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Ada’aa keessatti manni kitaabaa deeggarsa mootummaa Jaappaaniin ijaarame eebbifame.

Sirna eebbaa Mana kitaabichaarratti Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Jaappaan Itoo Taakaakoo, Bakka Bu’aa Waajjira Barnootaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Taammiraat Baalchaa dabalatee qondaaltonni biroon argamaniiru.

Ambaasaaddar Itoo Taakaakoon sirnicharratti haasawaa taasisaniin manni kitaabichaa barattoota kan tumsuu fi barattoonnis mana kitaabichaatti fayyadamuun galma isaanii akka milkeessan dhaaman.

Manni kitaabaa ijaarame deeggarsa Mootummaan Jaappaan karaa sagantaa “Grant Assistance for Grassroots Human Security Projects (GGP)” jedhamuun taasise Doolaara kuma 87 fi 793’n kan ijaarame yoo ta’u, manni kitaabichaa barattoota kuma 3 fi 500 ol fayyadamtoota akka taasisu eeramuu ragaan Embaasii Jaappaan irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuuk:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.