Fana: At a Speed of Life!

Sirni dhaabbileen mootummaa hojmaata walfakkaatu akka qabaatan taasiisu eebbifamuun gara hojiitti gale

Finfinnee, Hagayya 22, 2015 (FBC) – Sirni dhaabbileen mootummaa hojmaata walfakkaataa fi waldhageettii akka qabaatan taasiisu eebbifamuun gara hojiitti galeera.

Dhaabbileen mootummaa 20 ta’an sirna kanaan tajaajila kan argatan ta’uu Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiiseera.

Sirnichaan ergaa waljijjiiruu, Konfireensii Viidiyoo, Istaandardii Deektooppii, odeeffannoo walii qooduu fi tajaajilli biroo kan laatamu ta’uu ibseera.

Dhaabbileen mootummaa tajaajila si’ataa lammiileef laachuuf teeknooloojiin ammayyoomuu akka qaban Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Aadde Huuriyaa Aliin ibsaniiru.

Piroojketichi dhaabbilee Mootummaa Diijitaalessa jedhan.

Hojmaanni waraqaa malee akka diriiruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru.

Dhaabbileen hojmaata waraqaa malee akka hojjetan kan dandeessisus ta’uu ibsaniiru.

Dabalataan waljijjiirraan odeeffannoo wiirtuu odeeffannoo Ministeerichaan waan hogganamuuf, birmadummaa odeeffannoo kan eegu ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.