Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Saahlawarqi hawaasni qaroo ijaa arjoomuun lammiileef ifa akka ta’u waamicha dhiyeessan

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)- Pireezdaantiin FDRI Saahlawarqi Zawudeen lammiileen qaroo ija isaanii arjoomuun namoota biroof ifa akka ta’an waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaanti Saahilawarqi sirna kabaja hundeeffama waggaa 20ffaa Baankii Ijaa Itiyoophiyaa irratti haasawaa taasisaniin, waa’ee arjooma qaroo ijaa irratti hojiileen hubannoo hawaasaa gabbisuu hojjetamuu qabu jedhan.

Erga du’aan boqotanii booda arjooma taasifamuun wanti dhabnu hinjiru jedhanii, kennaan olaanaan kan akka qaroo namaaf arjoomuu xiyyeeffannaa dhabuu akka hinqabne ibsaniiru.

Kanaaf, lammiileen erga du’aan boqotanii booda, qaroo ija isaanii arjoomuun lammiilee biroof ifa akka ta’an waamicha dhiyeesaaniiru.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa gama isaaniin Baankiin Ijaa Itiyoophiyaa dhaabbata jireenya namoota hedduu jijjiireedha jedhan.

Hanga ammaatti tattaaffii Baankiin Ijaa taasiseen namoonni kuma 3 ol ta’an ija isaanii arguu akka danda’an ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.