Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Shimallis Gaambeellaatti Mana Barumsaa Ifa Boruu eebbisiisan

Pireezidaanti Shimallis Gaambeellaatti Mana Barumsaa Ifa Boruu eebbisiisan

Finfinnee, Hagayya 21, 2015 (FBC)-Pireezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan Magaalaa Gaambeellaatti Mana Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa ijaarame eebbisiisaniiru.

Sirna Eebba Pirojektichaarratti Pireezidaanti Shimallis Abdiisaa Dabalatee Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa, Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa Obbo Umod Ujuluu fi qondaaltonni biroon argamaniiru.

Mana Barnootaa Ifa Boruu har’a eebbifames baajta Mootummaa Naannoo Oromiyaa Birrii miiliyona 100 oliin kan ijaarameedha.

Sirna eebbichaa ilaalchisuun Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, hojiin ijaarsa biyyaas ta’e, tokkummaan sabootaafi ummata biyya keenyaa hojiilee misooma waloo gara garaatiin yoo deeggarame qofaa fi dhaloota haaraa irratti har’a waliin ta’uun yoo hojjetame egereen biyya qajeeluu fi miidhaguu danda’a jedhan.

Gama kanaan mootummaan tokkummaa sabootaa cimsuuf, hojii misoomaa fi hawaasummaan ummata walitti hidhuu jalqabe cimsee hojjechaa kan jiru ta’uu kaasnii, addatti immoo hojiin gama daangaa naannoo keenyaafi naannoleetiin Afaan naannolee gama lamaaniin jiru barsiisuuf jalqabame, hojiin Ijaarsa biyyaafi tokkummaa ummattootaa afaaniin faarsuu caalaa, hojii qabatamaa ummattoota walitti hidhan hojjachuun kan mirkanaa’u ta’uu ibsan.

Mootummaan naannoo oromiyaa qabeenya qaburraa hir’isee, Naannoo Gaambeellaaf mana Barnootaa ijaaruun, obbolummaafi tokkummaa ummataa dhugaa ta’eef kutannoo qabu kan mirkaneessuudhas jedhaniiru.

“Manni Barumsaa Ifa Boruu Sadarkaa 2ffaa Gaambeellaa baajata naannoo keenyaan ijaarree, guyyaa har’aa eebbisiisne kun qaama Piroojektii hojii misoomaafi nageenyaa naannoolee ollaa waliin hojjechaa jirruu keessaa tokko yoo ta’u, hojiin ijaarsa manneen Barnootaa naannoon keenya hojjechaa jiru kun waliin gahiinsa manneen barnootaa guddisuun cinatti, hariiroo ummata naannoolee gidduu jiru cimsuu keessatti qooda murteessaa qabaata” jedhan.

Akkuma enyummaa ummata keenyaa kan ganamaatti deebi’uuf waadaa galle, duudhaa hammachuu fi kabajaaf jaalalaan waliin jiraachuu ummata fudhachuun egeree biyyaa ittiin ijaaraa jiraachuu himan.

Hojiin gama Kanaan mootummaan hojjetu barbaachisaa fi murteessaa ta’us, kophaa isaatti gahaa waan hintaaneef, wal amantaa fi jaalalli saboota giddutti akka umamuuf lammiileen biyyattii hundumtuu qooda isaanii akka bahatan gaafataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.