Fana: At a Speed of Life!

Naannoleen garaagaraa naannoo Amaaraa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsan

Finfinnee, Hagayya 20, 2015 (FBC) – Pireezidaantoonni naannoleen garaagaraa naannoo Amaaraa cinaa kan dhaabbatan ta’uu ibsaniiru.

Sirni aangoo fudhachuu Pireezidaantii naannoo Amaaraa Obbo Aragaa Kabbadaa gaggeeffameera.

Pireezidaantoonni naannolee garaagaraa Pireezidaantii naannoo Amaaraa haaraa ta’uun kan mudaman Obbo Araggaa Kabbadaa ergaa hawwii garii dabarsaniiru.

Rakkoon Amaaraa rakkoo Oromoo, injifannoon Amaaraa injifannoo Oromoo ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsaniiru.

Itiyoophiyaa qormaata cimaa mudate injifachuun as ga’uu ibsaniiru.

Ammas rakkoolee mudatan injifachuun ni ceeti jedhan.

Rakkoon naannoo Amaaraa mudatee yeroo gabaabaa keessatti fooyya’iinsa agarsiisutti gammaduu Pireezidaantiin naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad ibsaniiru.

Rakkoolee jiran furuuf mootummaan naannoo Somaalee mootummaa naannoo Amaara cinaa kan dhaabbatu ta’uu dubbataniiru.

Pireezidaantiin naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaa, Kan Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddamoon, kan Naannoo Kibba Lixa Itiyoophiyaa Dooktar Nagaash Wageeshoo, Gaambeellaa Umood Ujuluu, kan Kibba Ityoophiyaa Obbo Xilahuun Kabbadaa fi Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Indaashaaw Xaasaw rakkoolee naannoo Amaaraa mudate furuuf cinaa kan dhaabbatan ta’uu mirkaneessaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.