Fana: At a Speed of Life!

Rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii furuuf xiyyeeffannoon ni hojjetama – Indashaawu Xaasow

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Rakkoolee misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa furuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa Indashaawu Xaasow ibsan.

Akkaataa kallattii xiyyeeffannoo mootummaa naannichaan rakkoolee ummanni dursanii furmaata akka argatuuf barbaadu adda baasuun sadarkaa hundatti hojjechuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Gaaffii bara dheeraa kan ture gaaffiin gurmaa’insaa rakkoo kenniinsa tajaajilaa furuuf akkaataa dandeessisuun deebii argachuu kaasaniiru.

Gaaffiin gurmaa’insaa deebii argachuu isaatti ummanni gammaduu dubbataniiru.

Komii kenniinsa tajaajilaa ture waaraan furuun misooma waaraan fiduuf naannichi kilaasteraan gurmaa’uu eeraniiru.

Hoggansi naannichaa ga’umsa, qophii barnootaa fi muxxannoo hojii bu’uura godhachuun ramadamuu himuu isaanii TOI gabaaseera.

Dhimmoota ijoorratti xiyyeeffachuun hojiileen guyyoota 100 keessatti raawwatamaniif karoorri qophaa’uu dubbataniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.