Fana: At a Speed of Life!

Misooma qamadii 2016 milkeessuuf itti fayyadamni bishaanii murteessaadha jedhame

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- “Karoora Xiiqii” misooma qamadii Bonaa bara 2016 lafa hektaara miliyoona 2.5 irratti misoomsuuf karoorfame milkeessuuf, itti fayyadama bishaaniirratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Biiroon Qonnaa Oromiyaa hubachiise.

Naannoo Oromiyaatti leenjiin itti fayyadama bishaan misooma qamadii Bonaa bara 2016 hoggansaa, ogeeyyii fi qonnaan bultootaa hirmaachisee kennamuu eegaleera.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa sirna eegachiisa leenjichaarratti, hojii misooma qamadii Bonaatiin kan alaa galu kan biyya keessan bakka buusuurra darbee alatti erguun milkaa’ina boonsaa argameef hooggansa, ogeessota, Qonnaan/Horsiisee bultootaafi qooda-fudhattoota galateeffataniiru.

Karoora xiiqii misooma qamadii jallisiirratti qabame milkeessuufis ariitii fi qulqullina barbaadamuun boqonnaa qophiirraa eegalee xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu hubachiisan.

Hoganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injiinar Girmaa Ragaasaa gama isaaniin, karoora xiiqii misooma qamadii jallisiirratti qabame milkeessuuf Biiroon Qonnaafi Biiroon isaanii qindoomina olaanaan hojiitti galuu ibsan.

Bishaan jallisii beekumsaan hoogganuun, teeknooloojiitti gargaaramuun xiyyeeffannoon akka hojjetamuu kaasnii, iskiimota fi paampiiwwan jallisii suphuun haala mijataa uuumuuf kan hojjetamu ta’uu himuu ragaan Biiroo Qonna Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Leenjichi giddugaloota Adaamaa, Ciroo, Roobee, Shaashamannee, Naqamtee fi Jimmaatti kennamaa jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.