Fana: At a Speed of Life!

Sirna Federaalizimii Sabdaneessaa Cimsuun Biyya Hunda Keenyaaf Taatu Ijaarra-BKO

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC)- Sirna Federaalizimii Sabdaneessaa Cimsuun Biyya Hunda Keenyaaf Taatu Ijaarra jedhe Biiroon Kominikeshinii Oromiyaa.

Biirichi Haala yeroo ilaalchisuun ibsa baaseen uummanni Oromoo fi saboonni, sablammoonniifi ummatoonni Itiyoophiyaa sirna federaalizimii sabdaneessaa obbolummaa irratti ijaarame tikfachuun kaayyoo finxaalessitootaa duwwaatti hambisuun imala eegalame itti fufsiisuun barbaachisaadha jedheera.

Guutumman ibsichaa akka ittaanutti dhiyaateera.

Itiyoophiyaan biyya saboota, sablammootaafi uummattoota hedduu qabduufi birmadummaa ishee mirkaneeffachuun jiraachaa turteefi jirtudha.

Lammileen ishees garaagarummaa Sabummaa, Amantaafi Afaanii qabaatanis heddummina isaanii humnaafi madda miidhaginaa godhachuun baandotaafi weerartoota biyya irratti aggaaman tokkummaan qolachuun birmadummaa biyya isaanii kabachiisuu bira darbanii bilisummaa Afrikaanota biroof gumaacha olaanaa taasiftee jirti.

Kanaanis, fakkii bilisummaa Gurraachota Afrikaa yoo taatu Afrikaanota irraas kabajaafi jaalala guddaa argatteetti.

Haata’u malee, seenessa dogoggoraa lallabamaa tureefi sirna sirnichi dhalcheen sabaafi sablammoonni kunneen sirna afaan, amantaafi alaabaa tokko leellisu jalatti akka bulaniif dirqisiifamaniiru.

Ta’us, qabsoo saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itiyoophiyaa taasisaa turan yeroodhaa gara yerootti finiinaa dhufuun sirna qeenxee olaantummaa garee tokkoo leellisu ilaalchaafi gocha isaa waliin ofirraa fonqolchanii injifannoo weerartoota alaa irratti gonfatan humnoota keessootti tokkummaa isaanii nyaatan irrattis mirkaneeffachaa dhufan.

Gaaffii lafaa, gaaffii ofiin of bulchuufi gaaffii dimokiraasii irraa jalaan deebi’aa dhufe jabeessanii qabachaa, imala gara dimokiraasiitti taasifamu irree tokkummaan cimsan.

Haala kanaan dhaloonni injifannoo argate kunuunfachaa kan isa hafeef qabsaa’u dhalachuun jijjiirama siyaasa Itiyoophiyaa falaasama Ida’amuun durfameef bu’uura kaa’e.

Kanaanis ijaarsa Itiyoophiyaa Afaan qawweetiin osoo hin taane marii ilaaf ilaameetiin guutame; sirna qeenxeedhaan osoo hin taane Federaalizimii sabdaneessa obbolummaa irratti ijaarameen biyya hundaan hundaaf taatu ijaaruuf galma taasifate.

Dallaa jibbinsaa diiguufi riqicha dhiifamaa waliif ijaaruun kan eegalame imalichi injifannoo sabdaneessummaa miidhaksee kabaja Itiyoophiyaa olqabuun eegalame.

Jijjiiramichaan Saboonni, Sablammoonniifi Uummattoonni Itiyoophiyaa eenyummaa isaanii isa dhugaa mirga ofiin of bulchuu gonfachuu eegalan.

Imalli haaraan kabaja sabdaneessummaa olqabee birmadummaa Itiyoophiyaa gama hundaan guutuu taasisuu wayiita eegalu finxaalessaan sirna moototaa hawwu akka yaadeefi bakka yaadee waan of dhabeef afaan qawweetiin sirna moototaa deebisuu ykn Itiyoophiyaa diiguu filannoo isaa taasifachuun waraana biyyarratti labse.

Uummanni Oromoofi Mootummaan Naannoo Oromiyaa saboota, sablammootaafi uummattoota biyyattii waliin ta’uun injifannoon dhiigaafi lafee ilmaan Itiyoophiyaatiin argame tiksuu, ijaarsa sirna federaalizimii sabdaneessummaa eegalame jabeessuu, misooma itti fufinsa qabu mirkaneessuufi Itiyoophiyaa hunda keenyaaf taatu ijaaruu keessatti gumaacha naannicha irraa eegamu ba’uuf kutannoon hojjeta.

Itiyoophiyaan waloon ijaaraa jirru hundaan hundaaf kan ijaaramtu, hundaaf kan taatuufi hundaan kan tikfamtu biyya heddumminni kabaja keessatti argatedha.

Kanaaf uummanni Oromoofi saboonni, sablammoonniifi uummattoonni Itiyoophiyaa sirna federaalizimii sabdaneessaa obbolummaa irratti ijaarame tikfachuun kaayyoo finxaalessitootaa duwwaatti hambisuun imala eegalame itti fufsiisuun barbaachisaadha.

Finxaalessitoonni humna sabdaneessummaa gufatanii kufanii caccabu, Itiyoophiyaan kabajaafi ulfina ishee eeggattee itti fufti.

Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa

Hagayya, 2015

Finfinnee

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.