Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa xumurame keessaa lammiileen miiliyoonni 6.2 ol fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu ta’uu ibsame

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Ministeerri Bishaanii Inarjii raawwii hojii bara 2015 Golahambaa Saayinsiitti qorachaa jira.
Bara baajataa 2015’tti lammiileen miiliyoona 6.2 ol tajaajila bishaan dhugaatii qulqulluu argachuu gamaaggamichaan ibsameera.
MinistirriMinisteera Bishaaniifi Inarjii Dooktar Injinar Habtaamuu Ittafaan, Barabaajataa 2015’tti lammiileen miiliyoonni 6.2 ol fayyadamtoota bishaan dhugaatii qulqulluu ta’uu dubbataniiru.

Lammiileen miiliyoona 2.8 ammoo fayyadamtoota tajaajila baayoo gaazii fi soolaarii ta’uu eeraniiru.

Dhaabbileen waamamoo, Biirooleen Bishaanii fi Inarjii naannolee fi qooda fudhattoonni Waltajjii kanarratti hirmaachaa jiraachuu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.