Fana: At a Speed of Life!

Raashiyaan biyyoota Lixaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu beeksifte

Finfinnee, Hagayya 19, 2015 (FBC) – Raashiyaan biyyoota Lixaa waliin mari’achuuf qophii ta’uu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Sargee Laavroov beeksisaniiru.

Sargee Laavroov yaa’ii ‘BRICS’ Afrikaa Kibbaatti gaggeeffamaa jiruun booda ibsa meediyaaleef laataniif ejjennoo Raashiyaa ibsaniiru.

Ministirichi Raashiyaan marii dippiloomaasii gaggeessuuf fedhii qabaachuu ibsuun, haa ta’uutii sodaachisaaf bakka kan hin qabne ta’uu dubbachuu RT’n gabaaseera.

Biyyoonni lixaa marii dippiloomaasii kan taasisaan wal dhaggeeffachuu fi ejjennoo waloo qabachuuf osoo hin taane haala ajaja dabarsuu fakkatuun ta’uu ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.

Ammas Ameerikaa fi miichuwwaan ishee adeemsaa Dippiloomaasii wal fakkataa kan hordofaan yoo ta’e Mooskoon Sodaachisaaf bakka kan hin qabdu jechuun ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.