Fana: At a Speed of Life!

Konkolaattonni balfa dhangala’aa Birrii miiliyoona 264’n bitaman magaalota 8’f qoodaman

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC)- Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Magaalota Shaashamannee, Dirree Dhawaa, Adaamaa, Hawaasaa, Arbaaminci, Maqalee, Goondarii fi Dasseef konkolaattotaa balfa dhangala’aa dhabamsiisan 25 qoodeera.

Konkolaattota kanneenis Itti Gaafatamtoonni Waajjiraalee Bishaanii fi Dhangala’aa magaalotaa fuudhaniiru.

Fuuldurattis, magaalota 14’f kan qoodaman adeemsi bittaa konkolaattota balfa dhangal’aa dhabamsiisan 73 gaggeeffamaa jiraachuu Ministir Deetaan Damee Bishaan Dhugaatii fi Qulqullinaa Ministeerichaa Ambaasaaddar Asfaawu Diingaamoon dubbataniiru.

Ambaasaaddar Asfawuun, sirna walharkaa fuudhiinsichaarratti, maallaqa baankii addunyaarraa argameen pirojektoonni fooyya’iinsa bu’uuraalee misoomaa bishaan dhugaatii fi qulqullinaa magaalota filaman 23’tti gaggeeffamaa jirachuu himaniiru.

Pirojektiin bishaan dhugaatii fi qulqullinaa 2ffaan sirna dhabamsiisaa balfa dhangala’aa magaalotaa saffisiisuuf pirojektii waggoota shaniif hojiirra ooluudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.