Fana: At a Speed of Life!

Daawwannaan Pireezidaanti Biin Zaayid Ityoophiyaatti taasiisan hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimseedha – Ministeera Dhimma Alaa

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Daawwannaan Pireezidaantiin Emireetoota Araba Gamtoomanii Mahaammad Biin Zaayid Al Naahiyaan Ityoophiyaatti taasiisan hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimse ta’uu Ministeerri Dhimma Alaa beeksiiseera.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Mallas Alem karoora bara baajataa 2016 ministeerichaa fi daawwaannaa pireezidaantichaa ilaalchisee ibsa laataniiru.

Daawwannaan Pireezidaan Biin Zaayid hariiroo dippiloomaasii biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimse ta’uu kaasaniiru.

Dabalataan hariiroo Itiyoophiyaan biyyoota Baha Giddu Galeessaa fi biyyoota Galoo Galaanaa waliin qabdu gara boqonnaa haaraatti kan ceesise ta’uu Ambaasaaddar Mallas eeraniiru.

Biyyoonni lamaan waliigaltee garaagaraa mallatteessuu eeruun, hoggantoonni biyyoota lamaanii jijjiirama qabeenya qilleensaa fi dippilomaasii magariisaa irratti waliin hojjechuuf fedhii akka qaban ibsuu isaanii Ambaasaaddar Mallas dubbataniiru.

Bara baajataa 2016 keessa hariiroo hundagaleessaa fi waloon uumuun tumsa dippiloomaasii hirmaachisaa ta’e cimsuurratti kan hojjetamu ta’uu eeruu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.