Fana: At a Speed of Life!

Murtoon meetira kuma 5 atleetootaa jijjiiruuf taasiifame bu’aa fiduuf kan kaayyeffateedha – Federeeshinicha

Finfinnee, Hagayya 18, 2015 (FBC) – Murtoon Fiigicha meetira kuma 5 atleetootaa jijjiiruuf taasiifame bu’aa fiduuf kan kaayyeffate ta’uu Federeeshiniin Atleetiksii Ityoophiyaa beeksiiseera.

Atleet Xilahuun Hayileen hir’ifamuun Alteelt Barrihuu Aragaawwwiin bakka buufamuu hordofee Atleeti Xilahuun Hayileen miidiyaa hawaasummaan komii isaa ibsachuun kan yaadatamuudha.

Dhimmicha ilaalchisee Hoggantoonni Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaa Hangaarii Budaapeestii ibsa laataniiru.

Atleet Xilahuun Hayileen sa’aatii gaarii qabaatus, ga’umsa waaqtaawaan walqabatee Atleet Barrihuu Aragaawwiin caalmaatti fooyya’aa ta’ee argamuu Pireezidaantiin Federeeshinichaa Gargaartuun Komishinaraa Atleet Daraartuu Tulluun ibsaniiru.

Atleetoota fageenyarratti hirmaatan keessaa Atleet Xilahuun Hayileen sa’aatii dhuunfaan sadarkaa dhumaarratti kan argamu ta’uu eeraniiru.

Akka biyyaatti bu’aa galmeessuuf Atleet Xilahuun Hayilee hir’isuun Atleet Barrihuu Aragaawwii akka bakka bu’u murtaa’uu himaniiru.

Miikiyaas Ayyalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.