Fana: At a Speed of Life!

Aanaa Shanan dhugootti sangoonni kumni 29 ol mala ammayyaan gabbachaa jiru jedhan

Finfinnee, Hagayya 17, 2015 (FBC) – Godina Harargee Lixaa Aanaa Shanan Dhuuggootti sangoonni kuma 29 ol mala ammayyaan gabbachaa jiraachuu ibsameera.

Qonnaan Butoonni aanichaa sanyii filatamaa muuzaafi furdisa loonii mala ammayyaarraa bu’a qabeessa tahaa jiraachuu eerameera.

Aanichatti qonnaan bultoonni mala ammayyaa fayyadamuun loon gabbisuurratti kan bobba’an fayyadamoo ta’aa jiraachuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa aanichaa Obbo Muusaa Abraahim himaniiru.

Bara kana qonnaan bultoonni yeroo gabaabaa keessatti sangaa gabbisuun sangaa tokko Birrii kuma 100 – 200 olitti gurgurachuun jiruufi jireenya isaanii fooyyeffachaa jiraachuu eeraniiru.

Dabalataan aanichatti Muuzii sanyii filatamaan lafa hektaara 60 olirratti misoomaa jiraachuus eeraniiru.

Qonnaan bultoonni oomisha sanyii filatamaa Muuzii oomishuurratti bobba’aniis bu’a qabeessa tahaa jiraachuu dubbachuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii aanichaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.