Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 9’f carraa hojii haaraa uumuuf karoorfameera-Dooktar Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Bara 2016 hanga 2018’tti kan hojiirra oolfamu karoora bara giddugaleessaan lammiilee miiliyoona 9’f carraa hojii haaraa uumuuf karoorfamuu Ministirri Misoomaa fi Pilaanii Dooktar Fitsum Asaffaan ibsan.

Bara karoorichaa boqonnaa jalqabaan dameewwan raawwii gadaanaa qaban irratti fooyyessi karooraa akka taasifamu, kanneen raawwii fooyya’aa qaban ammoo galma dabalataa akka qabaatan karoorfamee gara hojiitti seenamuu Dooktar Fitsum dubbataniiru.

Gamaaggamni karoora misooma waggoota 10, karoora bara giddugaleessaa marsaa jalqabaa fi karoora bara giddugaleessaa marsaa 2ffaan bakka Muummeen Ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeefameera.

Waltajjicharratti Dooktar Fitsum, qormaatileen biyya keessaa fi alaa raawwii karooraa waggoota 10 irratti dhiibbaa uumuu ibsaniiru.

Damee invastmantii alaa fi qonnaan bu’aan argame haala qabatamaa idil addunyaa fi naannawaan wayiita ilaalamu sadarkaa fooyya’aan raawwatamuu ibsan.

Rakkoolee idil addunyaa hordofees qaala’iinsi gatii mudate gufuu olaanaa ta’us, hojiilee walitti fufiinsaan hojjetaman to’achuun danda’amuu eeraniiru.

Dhiyeessiin faayinaansii dhaabbilee misoomaa idil addunyaa gahaa ta’uu dhabuu eeranii, hawaasa hirmaachisuun hanqina faayinaansii filmaatawwan biyya keessaan bakka buusuuf tattaaffiin taasifamuu Dooktar Fitsum Asaffaan kaasaniiru.

Qonni damee galmi dabalataa qabameef ta’uu ibsanii, dameewwan tuuriizimii, oomisha albuudaa ammo fooyyessi karooraa akka taasifamu karoorfamuu akeekaniiru.

Haaluma kanaan gahee gabaa Warqee toonii 4 irraa gara toonii 13’tti, gabaa biyya alaarratti qooda oomishaalee biyya keessaa gara %46’tti guddisuuf akka karoorfame dubbataniiru.

Tajaajila damee fayyaa, barnootaa, bishaanii, elektirikiin fayyadamummaa lammiilee guddisuuf akkasumas qaala’iinsa gatii to’achuun, xiyyeeffannaa waggoottan sadan dhufanii akka ta’e TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.