Fana: At a Speed of Life!

Yuunivarsiitiin Finfinnee bara 2016 eegalee barattoota digirii jalqabaa dorgommiin akka simatu ibse

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Yuunivarsiitiin Finfinnee bara barnoota 2016 eegalee barattoota digirii jalqabaa dorgomsiisuun kan simatu ta’uu beeksise.

Yuunivarsiitichi bu’uura dambii Mana Maree Ministirootaan yuunivarsitii mootummaa ofiin of bulchu ta’uun ni yaadatama.

Pireezidaantiin Yuunivarsiitichaa Pirofeesar Xaasawu Waldahaannaan ibsa kennaniin, murteen ofiin of bulchuu qulqullina barnootaa fooyyeessuu fi humna namaa ga’umsa qabu horachuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Haaluma kanaan bulchiinsii fi dhimmoonni akkaadaamikii yuunivarsiiticha walabummaa guutuu qabaatee itti gaafatamummaan akka hojjetu mirkaneessaniiru.

Bara barnootaa 2016 eegalees barattoota digirii jalqabaa qabxii darbiinsaa Ministeerri Barnootaa argatan dorgomsiisee akka simatu ibsuu ragaan yuunivarsiiticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.