Fana: At a Speed of Life!

Biirichi bara baajata haaraatti lammiilee miiliyoona 3.1’f carraa hojii uumuuf karoorfachuu ibse

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa bara baajata 2016’tti lammiilee miiliyoona 3.1’f carraa hojii uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu beeksise.

Biirichi gamaaggama raawwii bara baajata 2015 fi karoora bara baajata 2016 irratti godinaalee fi bulchiinsaa magaaloota waliin Magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira.

Gamaaggamicharratti Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Maatiwoos Sobbooqaa biirichi bara 2016’tti lammiilee miiliyoona 3.1’f carraa hojii uumuuf karoorfatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Mootummaan godaantota biyya alaa deebi’an deebisanii dhaabuu fi lammiileen ogummaa barbaadamu gonfatanii karaa seeraan carraa hojii biyya alaarraa fayyadamoo taasisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bara 2015’tti lammiileen kuma 32’f leenjii ogummaa kennuun carraa hojii biyya alaa irraa fayyadamoo ta’uu ragaan Biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.