Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoota Paarkii Indaastirii Adaamaaf mana jireenya ijaaruuf waliigalteen mallatteeffame

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)-Koorporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastiri Ityoophiyaa hojjettootaa Paarkii indaastirii Adaamaaf manneen jireenyaa ijaaruuf Dhaabbata Oomishaa Huccuuwwanii Anteeksi jedhamuu waliin waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbatichi akkaataa humna danda’uun lafa hektaara 4 irratti gamoowwan mana jireenyaa kan ijaarsisu yoo ta’u, hojjettoota kuma 5 fayyadamtootaa taasisa jedhameera.

Pirojektichi rakkoo mana jireenyaa hojjettootaa hambisuun, xiyyeeffannoo hojiif qabanii fi oomishtummaa dabaluuf, gahee olaanaa qabaata jedhamuu ragaan Koomiishinii Invastimantii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.