Fana: At a Speed of Life!

Bara dhufu hojimaata ‘e-ticketing’ eegaluuf qophiin xumuramuun eerame

Finfinnee, Hagayya 16, 2015 (FBC)- Bara 2016 tajaajila tikeetaa ammayyaa’aa (‘e-ticketing’) eegaluuf qophiin xumuramuu Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii beeksise.

Ministir Deetan Ministeerichaa Obbo Bar’oo Hasan, hojmaata tikeetaa kutachuurraa hanga bakka ga’umsaatti hanqinni hojmaata tajaajilichaa dhaabbilee buufata konkolaataa keessatti akka mul’atu ibsaniiru.

Buufata konkolaattota Qaxxaamura Biyyaa keeessatti daballii gatii taarifa geejjibaa dabalatee dhamaatii imaltootaa hambisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Bara 2016 Finfinnee naannawaa garaagaraatti buufataalee konkolaataa tajaajila geejjibaa qaxxaamura biyyaa kennaanitti hojmaanni ‘e-ticketing’ akka hojiirra oolfamu mirkaneessaniiru.

Kanaafis qophiin barbaachisaan xumuramuu Obbo Bar’oo Hasan FBC’f ibsaniiru.

Tajaajilichi eegaluunis, dhamaatii fi daballii gatii taarifaa tajaajilamtoota tajaajila geejjibaa qaxxaamura biyyaa fayyadaman mudatuu akka hambisu eeraniiru.

Birhaan Dassaalanyitu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.