Fana: At a Speed of Life!

Koomishinar Laliseen qondaaltota Dhaabbata “Raymond Lifestyle” waliin mari’atan

Finfinnee, Hagayya 15, 2015 (FBC)- Koomiishinarri Koomishinii Invastimantii Ityoophiyaa Lalisee Namee fi Ittaanaa Koomishinara Daani’eel Tarreessaan Dhaabbataa Itti Gaafatamaa Faayinaansii fi Hoggantoota Dhaabbata “Raymond Lifestyle” waliin mari’ataniiiru.

Marichaan Koomiishinar Laliseen Dhaabbatichi Paarkii Indaastirii Hawaasaa misoomsuun dabalaa dhufuu sochii oomishaa dinqisiifataniiru.

Mootummaanis dhaabbilee oomishtoota misoomsaa jiru deeggaruu fi Ityoophiyaa buufata invastimantii filatamtuu taasisuuf kutannoo jiru mirkaneessaniiru.

Hoggantoonni dhaabbatichas gama isaaniin, barbaachisummaa deeggarsa koomishinichaa ibsanii, dhaabbatichis pirojektootaa karoorsaa jiru irratti ibsa kennuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Dhaabbatichi lammiilee kuma 2 fi 600 oliif carraa hojii kan uumee ta’uu fi oomishaalee isaas gabaa Ameerikaaf akka dhiyeessu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.