Fana: At a Speed of Life!

Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa 19ffaan har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 ni fiigama

Finfinnee, Hagayya 14, 2015 (FBC) – Shaampiyoonaa Atleetiksii Addunyaa19ffaa oolmaa guyyaa 2ffaan har’a fiigichi xumuraa meetira kuma 10 dhiirootaa ni gaggeeffama.

Galgala sa’aatii 1:25 irraa eegaluun fiigichi xumuraa meetira kuma 10n dhiiroota gidduutti fiigamu Atleenni Ityoophiyaa ni eegamu.

Atleet Barrihuun Argaawii, Salamoon Baraggaa fi Yisimaawu Diluun Ityoophitaa bakka bu’uun kan hirmaatan ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Akkasumas fiigichi gulaallii walakkaa xumuraa meetira kuma 1 fi 500 galgala sa’aatii 12:05 irraa jalqabee dubartoota gidduutti ni gaggeeffama.

Atleet Dirribee Waltajjii, Birqee Hayyaloomii fi Hiruut Mashashaan xumuraaf darbuuf ni falmatu jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.