Fana: At a Speed of Life!

Atileetonni Ityoophiyaa Gulaallii fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 darban

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Hangaarii Buudaapeestitti gaggeeffamaa kan jiru Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 19ffaa irratti gulaallii fiigicha gufachiisaa meetira kuma 3 dhiirotaan Atileetonni Ityoophiyaa fiigicha xumuraaf darbaniiru.

Haaluma kanaan Atileet Lammeechaa Girmaa fi Atileet Geetinnat Waalee dorgommii xumuraaf yoo darban, Atileet Abrahaam Simee utuu hinmilkaa’in hafeera.

Gama biraatiin, dorgommii gulaallii walakkaa xumuraa fiigicha meetira kuma 1 fi 500 dubartootaan Atileetonni Ityoophiyaa Atileeti Dirribee Waltajjii, Atileet Birqee Hayyaaloomii fi Hiruut Mashashaa darbaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.