Fana: At a Speed of Life!

Obbo Indaashaawu Xaasawu Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa ta’an

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Obbo Indaashaawu Xaasawu Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessa Ityoophiyaa ta’uun muudamaniiru.

Olmaa guyyaa har’aa Yaa’ii Hundeeffama Naannoo Giddugaleessaa Ityoophiyaa gaggeeffamaa jirurratti muudama Pireezidaantii fi Afyaa’ii Mana Maree naannichaa ragaasiseera.

Haaluma kanaan Obbo Indaashaawu Xaasawu Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti, Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessaa Ityoophiyaa ta’uun muudamaniiru.

Pireezidaantichi, Pireezidaantii duraanii Obbo Ristu Yirdaa waliin walharkaa fuudhiinsa aangoo taasisuun ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun, manni marichaa Faaxee Sirmalooniin Afyaa’ii mana maree naannichaa fi Manatee Mundinoosiin Ittaanaa Afyaa’ii taasisuun muudeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.