Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti agoobarri miiliyoona 7 ol raabsameera

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti dhibee busaa ittisuuf ogoobarri miiliyoona 7 ol raabsamuu Biiroon Fayyaa naannichaa beeksise.

Biirichatti Daayrektarrii Sagantaa Ittisa Dhibee Busaa Obbo Juhaar Qaasiim akka ibsanitti, yeroo ammaa Naannoo Oromiyaa naannawaalee garagaraatti dhibeen busaa babal’achaa dhufeera.

Keessumaa godinaalee Jimmaa, Iluu Abbaa Boor, Shawaa Bahaa, Arsii Lixaa, Gujii Lixaa fi Godinaalee Wallaggaa Afuranitti tatamsa’inni dhibechaa olaanaa ta’uun ibsameera.

Waqtii Gannaa hordofee tatamsa’ina dhibee busaa ittisuuf biirichi hojiilee hubannoo gabbisuu, qoranoo dhibee busaa gaggeessuun, hojiilee ittisaa duraa hojjechaa turuu ibsaniiru.

Dabalataanis aanaalee dhibechi bal’inaan mul’atu 182’tti agoobaraa miiliyoona 7.1 ol raabsuun lammiileen miiliyoona 11 ta’an fayyadamtoota taasisuu dubbataniiru.

Kana malees, manneen kuma 262 irratti biiffaan keemikaalaa gaggeeffamuu hubachiisaniiru.

Hawaasni tooftaalee ittisa dhibechaa ogeeyyiin gorfaman hojiirraa oolchuun dhibecha ofirraa ittisuu akka qabu wamicha dhiyeessaniiru.

Malaakuu Gaddiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.