Fana: At a Speed of Life!

Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 22 olitti tlmaamaaman to’ataman

Finfinnee, Hagayya 13, 2015 (FBC)- Koomishinii Gumurukaa Waajjiraa Damee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 22 olitti timaamaman to’atamuu Koomishinichi beeksise.

Meeshaaleen kontirobaandii to’ataman kunneenisa faayaalee Meetii kiiloogiraama 112.8, qorichaalee, jijjiirraa meeshaalee moobaayilaa fi uffannaalee ta’uun ibsameera.

Meeshaaleen kunneenis imaltootaa biyya keessa seenanii fi meeshalee isaan qabatanii seenaan irratti sakattaa’aa cimaa gaggeeffameen kan to’annoo jala oolfaman ta’uun ibsameera.

Daddabarsa meeshalee kontiroobaandii keessatti kanneen hirmaatan, faddaaltotaa fi qaamolee biroo itti gaafatamtoota taasisuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.