Fana: At a Speed of Life!

Tuuriizimii Naannoo Tigraay guddisuuf hojiileen eegalaman akka itti fufan ibsame

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Qabeenya tuuriizimii Naannoo Tigraay guddisuuf hojiileen eegalaman akka itti fufan Ministeerrii Tuuriizimii ibse.

Ministirri Ministeerichaa Amabaasaaddar Naasisee Caalii fi qondaaltonni ministeerichaa biroon Masaraa Mootummaa Atsee Yohaannis Magaalaa Maqaleetti argamu daawwataniiru.

Daawwannichaan boodas Pireezidaantii Bulchiinsa Yeroo Naannichaa Obbo Geetaachoo Raddaa waliin damee tuuriizimii naannichaa guddisuu haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Marii isaaniiinis, naannichatti misoomaa fi beeksisa qabeenya
tuuriizimii, hambaalee fi paarkotaa, akkasumas hojilee fuulduratti gaggeeffaman ilaalchisee mari’achuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.