Fana: At a Speed of Life!

Dooniiwwan waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa gara odola Jaappaanitti siqaa jiraachuun gabaafame

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC)- Ameerikaa, Jaappanii fi Kooriyaan Kibbaa wayita jala bultii yaa’ii gamsadee gaggeessuuf jiranitti dooniiwwan waraanaa Raashiyaa fi Chaayinaa garaa odolaa Jaappaanittii siquun gabaafame.

Dooniiwwan waraanaa Chaayinaa fi Raashiyaa Odola Kibba Jaappaanitti dhihaachuu hordofee Jaappaan “Yaaddoo” qabaachuu ibsiteetti.

Dooniiwwan waraanaa Chaayinaa ja’a kanneen farraa misaa’elaa ta’anii fi dooniiwwan Raashiyaa shan, Odola Jaappaan gidduu darbuun gara Galaana Baha Chaayinaatti qajeeluu Ministeerri Ittisa Jaappaan beeksiseera.

Wayita dureewwan Kooriyaa Kibbaa fi Ameerikaan muddama naannawaa Indoo-Paasifiik irratti mar’achuuf jiranitti ta’uun ibsameera.

Doonii kunneen Paasifikii keessatti shaakala waloo irratti hirmaatuun kan amanamu ta’uun ibsameera.

Ministeerri Ittisaa Raashiyaa ibsa baaseen shaakala waloof dooniiwwan waraanaa kunneen Galaana Chaayinaa Bahaa keessa socho’aa akka jiran ibseera.

Shaakalli kunis ittisaa waraana galaanarraa, qolannaa haleellaa qilleensaa, shaakala lubbuu baraarsaa, xiyyaarota waraanaa balaliisuu fi qubsiisuu fa’aa gaggeessuu Ministeerri Raashiyaa beeksiseera.

Ministeerri Ittisaa Jaappaan gama isaatiin, Chaayinaa fi Raashiyaan naannawaa isheetti irraa deddeebiin shaakaala taasisaa jiraachuu fi “Ifatti humna qaban Jaappaanitti argisuudha” jedheera.
Kunis nageenyaa biyyaalessaaf isheef “Yaaddoo” ta’uu Jaappaan eerteetti.

Taatee kunis wayita yaa’iin jalqabaa gamsadee Ameerikaa, Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa giddutti gaggeeffamuuf jirutti ta’uu CNN gabaaseera.

Yaa’ii kanaan hariiroo waraanaa, teeknooloojii fi walta’iinsaa diinagdeerratti waliigaluuf kan gaggeeffamu ta’uu qondaaltonni olaanoo Bulchiinsa Baayidan ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.