Fana: At a Speed of Life!

Namni dhuunfaan nagahee gurgurtaa sobaan gurgurtaa Birrii biiliyoona 30 olii raawwachuun yakka waliin dhahuun shakkame to’atame

Finfinnee, Hagayya 12, 2015 (FBC) – Namni dhuunfaan nagahee gurgurtaa sobaan gurgurtaa Birrii biiliyoona 30 olii raawwachuun yakka waliin dhahuun cimaan shakkame to’atamuu Poolisiin Federaalaa beeksiiseera.

Namni dhuunfaan kun nagahee sobaa qopheessuun daldaltootaa fi dhaabbileef gurgurtaa Birrii biiliyoona 30 olii raawwachuun yakka waliin dhahuun cimaan shakkamee to’atamuu isaa ibseera.

Shakkamaan kun akka teessoon isaa hin beekkamnetti waraqaa eenyummaa sobaa maqaa Salamoon Muluu Kawun jedhamuun, eeyyama daldalaa baafachuun hojii daldalaa kireessaa fi gurgurtaa meeshaalee mashinariin galmaa’ee waljijjiirraa meeshaalee tokkooyyuu osoo hin jiraatiin daldaltootaa fi dhaabbilee daldalaa garaagaraatti gurgurtaa nagahee sobaa Birrii biiliyoona 30 fi miiliyoona 152 raawwachuu beekkamuu ibsameera.

Shakkamaan kun yakka kana erga raawwatee booda yeroo dheeraaf dhokatee kan ture ta’us Poolisiin Federaalaa Biiroo Galiiwwanii magaalaa Finfinnee waliin ta’uun hordoffii cimaa taasiiseen to’atamuu isaa ibsameera.

Poolisiin Federaalaa shakkamaarratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu eeruun, hawaasnis eeruu qabu Biiroo Qorannoo Waliigalaatti Poolisii Federaalaatti qaamaan argamuun ragaa laachuun akka tumsan waamicha dhiyeesseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.