Fana: At a Speed of Life!

Qonnaan bultoonni Bishaan Awwaash guutee lafarra ciisu gara carraatti jijjiiruu qabu – Obbo Geetuu Gammachuu

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) – Qonnaan bultoonni Bishaan Awwaash guutee lafarra ciisuu gara carraatti jijjiiruun fayyadamoo ta’uuf ofqopheessuu akka qaban Hogganaan Biiro Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu ibsan.

Jilli Obbo Geetuu Gammachuu durfamu qonnaan bultoota Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafoo fi Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Sabbataa Hawaas sababa bishaan Awwaash guutee ciiseen jiruuf jireenya isaaniirraa buqqa’an daawwachuun jajjabeesseera.

Qonnaan bultoonni yeroo bishaan kun lafa ciiserraa ka’e gara misoomaatti akka galaniif sanyiifi xaa’oon deeggersaan dhihaachuu akka qabu Hoggansa Biiroo Buusaa Gonofaa fi Hooggansa Godinaafi Aanaa waliin mari’atanii jiru.

Lafa amma bishaan irra ciise kana akkuma irraa kaa’een Qonnaan bultoonni qamadii bal’inaan irratti misoomsuun fayyadamoo akka ta’aniif Biiroon Qonnaa Oromiyaa tiraakteera, sanyiifi xaa’oo dhiheessuun deeggersa barbaachisu kan taasisu ta’uu Obbo Geetuun ibsaniiru.

Biiroon Qonnaa Oromiyaa hanga hawaasni kun jireenya idileenisaanitti deebi’utti deeggersa barbachisu kan taasisu ta’uu himamuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.