Fana: At a Speed of Life!

Mallattooleen cirracha Hadhooftuuf maali?

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC) –Cirracha Hadhooftuu jechuun wayita cirrachi afuuffee Hidhooftuu keessatti kuufameedha.

Cirrachi kun maalii fi akkamitti akka uumamu qorannoo qabatamaan saayinsiin himamuuf dhabamus, tilmamamuun garuu ni danda’ama.

Tilmaamamni kunis Kooliistiroonii fi Biiluuruubiin Hadhooftuu keessatti baayyachuun dhangala’oon hadhooftuu afuuffee Hadhooftuu keessatti argamu gara mari’maaniitti dhiibuu dadhabuu kan of keessatti hammatu ta’uu ogeeyyiin yaalaa ni dubbatu.

Wantoonni cirracha hadhooftuuf nama saaxilan maal’faa’i?
Dubartoonni harki caaluu kanneen umriin isaanii waggaa 40 ta’an, wayita ulfaatinni isaanii dabale, dhibee biroo kanneen akka sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa qaban, qoricha qusannoo maatii fayyadaman, qoricha Kooliistiroolii to’achuuf fudhatanii fi maatii keessatti namoonni Cirracha hadhooftuu qaban yoo jiraate dhibichaaf saaxilamu malu.

Mallattoon isaa maali?

Yeroo baay’ee Cirrachi Hadhooftuu mallattoo homaayyuu hin mul’isu, yaa ta’uutii wayita dhibee biroof qorannoo gaggeessan muul’achuu danda’a.

Mallattoo isaa inni duraa dhukkubbi garaa yoo ta’uu, miirri waraansaa kan namatti dhaga’amu ta’uu ragaan Koollejjii Saayinsii Fayyaa Yuunivarsiitii Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Mallatoo yoo hin mul’ifne garuu dhaabbiin hordofii taasiisuun ala yaala biroo hin qabu, yoo mallattoo argisiise garuu furmaanni yaala baqaqsanii yaaluu qofa jedhame.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.