Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti qorannoo fi dizaayiniin pirojektoota jallisii fi hidhaa raawwatameera-Ministeericha

Finfinnee, Hagayya 11, 2015 (FBC)-Naannoo Oromiyaatti Qorannoo fi dizaayiniin pirojektoota misooma hidhaa fi jallisii sadii lafa hektaara kuma 44 ol uwwisanii bara 2015 hojjetamuu Ministeerrii Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii ibse.

Qorannoon dizaayinii pirojektoota jallisii fi hidhaa Mormoraa kan lafa hektaaraa kuma 10 kan uwwisu, lafa hektara kuma 4 fi 150 kan uwwisu pirojektii Erar fi Pirojektii Raammis kan lafa hektaara kuma 30 uwwisu gaggeeffamuu beeksiseera.

Waliigalteen dizaaynii fi qorannoo pirojektootaa jallisii fi hidhaa Ererii fi Raammis baatii Sadaasaa 2015 kan raawwataman yoo ta’u, Pireojektii Erar baatiiwwan 12 keessatti akkasumas kan Raammis baatiiwwan 16 keessatti ni xumuramuun kan eegamu ta’u ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

Pirojektooni kunneen misoomaa jallisiitti dabalataan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluuf akka oolanitti qorannoo dizaayinii isaanitti dabalamuun ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.