Fana: At a Speed of Life!

Indaastiraalaayizeeshiniin Ityoophiyaatti mul’achaa jiru jajjabeessaadha- Hayyoota Chaayinaa

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Indaastiraalaayizeeshiniin Ityoophiyaatti mul’achaa jiru jajjabeessaa ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii Chaayinaa Peekiingi ibsan.

Hayyoonni kunneen Koorporeeshinii Misoomaa Paarkiiwwan Indaasturii Ityoophiyaatti Hoji Gaggeessaa Waajjira Tiraanisfoormeeshinii Fitsum Katamaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Fitsum, Misooma Paarkiiwwan Industirii; indaastiraalaayizeeshinii, carraa hojii uumuu, hawwattummaa invastimatii fi hojii biroo walfakkataan irratti hojiilee hojjetamaan ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Dabalataanis, hayyoonni damichaan dandeettii qaban fayyadamuun waltajjiilee idil addunyaa garaagaraarratti beeksisuu, qorannoo fi qo’annoo ka’umsa taasifachuun sochii jajjabeessaa Ityoophiyaatti mul’atu akka tumsan gaafataniiru.

Hayyoonni kunneenis gaaffilee garagaraa dhiyeessuun deebii bal’aan kennamuu ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Yuunivarsitichi Afrikaatti keessumaa Ityoophiyaatti qorannoowwan damee misooma paarkiiwwan indaastiriin walqabatan akka gaggeeffaman ibsaniiru.

Ityoophiyaattis guddinni indaastiraalaayizeeshinii mul’achaa jiru jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Hayyoonni kunneen turtii Ityoophiyatti qabaataniin Paarki Indaastirii Hawaasaa dabalatee dhaabbilee diinagdee biroo akka daawwatan eegama.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.