Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti manneen jireenyaa barsiisotaa kuma 4 ol ijaaruuf karoorfame-BBO

Finfinnee, Hagayya 10, 2015 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti manneen jireenya barsiisotaa kuma 4 fi 500 ijaaruuf karoorfamuu Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daayrekterri Qophii Karoora fi Baajata Obbo Hasan Idriis, bara baajata 2016’tti qulqullina barnoota guddisuuf xiyyeeffannaa addaan hojjetama jedhan.

Haaluma kanaan, sirna baruuf barsiisuuf galteewwan barbaachisoo ta’an manneen barnoota sadarkaa hundaaf guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessattuu manneen barnootaa Bulleeyyii cimsuu, tajaajila nyaataa manneen barnoota babal’isuu fi kitaabilee barnootaa guutuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru.

Manneen barnootaa haroomsuu dabalatee hirmannaa abbootii qabeenyaa fi hawaasaan manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa kuma 4 fi 754 ijaaruuf karoorfamuu ibsaniiru.

Gama biraatiin sirna baruuf barsiisuuf bu’uuraa kan ta’an barsiisootaaf haloota mijataa uumuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, bara baajatichatti barsiisootaf manneen jireenyaa kuma 4 fi 500 ijaaruuf hojiin eegalamuu Obbo Hasan himaniiru.

Malaaku Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.