Fana: At a Speed of Life!

Pirojektii Riizoortii Asallaa Birri Biiliyoona 1.2’n ijaaramuuf dhagaan bu’uuraa ka’ame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)- Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin pirojektii Riizoortii Asallaa Birrii Biiliyoona 1.2’n ijaaramuuf dhagaa bu’uuraa ka’an.

Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Bulchiinsa Magaalaa Asallaatti Pirojektii Addababayii Haadha Siinqee fi Iddoo Haara Galfii Abbaa Gadaa Birrii miiliyoona 18.7’n ijaarames eebbisiisaniiru.

Obbo Awwaluun sirna eebbichaarratti haasawaa taasisaniin, pirojektiiin hojjatame aadaa fi safuu hawaasaa Oromoo Arsii kan calaqqisiisuudha jedhan.

Hawaasnis pirojektii isaa eeguun nagaa isaas eeggachuu akka qabu dhaaman.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Asallaa Obbo Simee Tsaggaayee gama isaaniin, pirojektoonni adda addaa magaalicha keessatti hojjatamaa jiran carraa hojii uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata jedhan.

Jiraattonni magaalaa Asallaas ijaarsi pirojektichaa duudhaa fi safuu Oromoo kan argarsiisu ta’uun gammachuu hedduu kan itti gammadanii fi carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa waan qabuuf fayyadamtoota akka taasisuun abdii qaban FBC’f himaniiru.

Abdallaa Amaanii fi Qiddisti Zawuduutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.