Fana: At a Speed of Life!

Balaa tiraafikaan miseensota maatii tokko 3 dabalatee lubbuun namoota 6 darbe

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)-Magaalaa Miilleetti balaa tiraafikaa mudateen miseensota maatii tokko 3 dabalatee lubbuun namoota ja’a darbuu Naannoo Afaaritti Qajeelchi Poolisii Godina Awusii Rasuu beeksise.

Balaa qaqqaben lubbuun namoota ja’aa darbetti dabalataan namoota 7 irra miidhaan qaamaa qaqqabuun ibsameera.

Balichi kan qaqqabes konkolaataa deddeebisaa ummataa (Doolfiin) namoota 14 fe’uun Magaalaa Miilleerraa gara Magaalaa Samaraa imalaa ture konkolaataa fe’umsaan walitti bu’uun ta’uun ibsameera.

Balichaan miseensota maatii tokkoo Abbaa, Haadhaa fi daa’ima waggaa afurii dabalatee lubbuun namoota 6 darbuu Qajeelcha Poolisii Godina Awusii Rasuutti Itti Gaafatamaan Kutaa Poolisii Tiraafikaa Saajiin Olaanaa Hasan Mahaammad ibsaniiru.

Namoota miidhaan qaamaa irraa qaqqabes hospitaalaa fi dhaabbilee fayyaa naannawaa jiruttii hordoffiin wal’aansaa taasifamaafii jiraachuun ibsameera.

Ka’umsa balichaa addaa baasuuf qorannoon taasifamaa jiraachuu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.