Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Awwaluu Abdiin durfamu Arsii Lixaatti haala kunuunsa midhaanii daawwate

Finfinnee, Hagayya 7, 2015(FBC)- Jilli Itti Aanaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiitiin durfamu Godina Arsii Lixaa Aanaa Dodolaatti haala kunuunsa midhaanii daawwateera.

Daawwannicharratti Obbo Awwaluun akka jedhanitti, karoora imala badhaadhinaa milkeessuuf hojiin gama qonnaatiin hojjatamaa jiran abdachiisaadha.

Galmoota akka qonnatti qabaman milkeessuufis iniisheetiivota haaraa fi duraan turan hojiirra oolchuu bu’aa jajjabeessaan argamuus ibsan.

Oomishaafi oomishtummaa guddisuuf qophii ooyiruurraa eegalee hanga midhaan walitti qabamee galuutti kunuunsaa barbaachisaan taasifamuu akka qabuu himuu ragaan biiroo qonnaa Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

Kanaaf, qonnaan bultoonni ooyiruu isaanii yeroo yeroon sakatta’uun kunuunsa barbaachisu hunda akka taasisani akkasumas ogeessonni deeggersa barbaachisu akka taasisaniif Obbo Awwaluun dhaamaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.