Fana: At a Speed of Life!

Sirrummaan odeeffannoo raaga haala qilleensaa Inistiitiyuutichaa %80 ga’uun ibsame

Finfinnee, Hagayya 7, 2015 (FBC)- Odeeffannoowwan raaga haala qilleensaa kennamaan %70-80 sirrii ta’uu qorannoon mirkaneessuu Inistiitiyuutiin Raaga Haala Qilleensaa ibse.

Inistiitiyuutichi, odeeffannoowwan raaga haala qilleensaa yeroo gababaa, giddugaleessaa fi dheeraa jedhamanii adda baafaman fayyadamtootaaf kan dhiyeessu ta’uun ibsameera.

Itti Gaafatamaan Deeskii Hordoffii Hongee fi Raagaa Yeroo Dheeraa Inistiityuutichaa Mulu’aalam Abarraa akka ibsanitti, odeeffannoowwan xiinxalamaanii fi walitti qabaman fayyadamtootaaf kennamu.

Odeeffannoowwan raaga haala qilleensaa xiinxalaman kunneen damee qonnaa, fayyaa fi bishaaniif yaaddeebii qopheessuun guyyoota 10 hanga baatii afuriitti kan kennaman ta’uu eeraniiru.

Sirrummaan raaga haala qilleensaa kennamaniis, mala saayinsaawaan akka mirkanaa’an hubachiisuun, inistitiyuutichi wayita balalii xiyyaaraattis raaga haala qilleensaa damee aviyeeshiniif kan kennu ta’uu dubbataniiru.

Raagni wayita kennamus, dhiibbaalee qilleensaa, bishaanii fi daandii idil addunyaa, ardii, naannawaa tilmaama keessa galchuun ta’uu himan.

Odeffannoo fayyadamtootaaf dhiyeessuun miidhaa qaqqabuu malu hir’isuu fi oomishtummaa guddisuuf tattaaffii taasifamuuf gumaachi inistiitiyuutichaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Ministeerota Qonnaa, Fayyaa, Bishaanii fi Narjii, Koomiishinii Hoggansa Soda Balaa akkasumas Abba Taayitaa Jijjiirama Qabeenya Qilleensaa fi Eegumsa Naannawaa waliin waliigalteen mallatteefamee qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbilee miti mootummaa, giddugaloota qorannoo, abbootii qabeenyaa, konistiraakshinii irratti dhaabbileen bobba’an akkasumaan qaamoleen damee inshuraansiirratti bobba’an fayyadamtoota ta’uu akeekaniiru.

Yohaannis Darriboowutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.