Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Naannoo Oromiyaa Imaammataafi Tarsiimoo tokko lama jedhamanii lakkaawwaman qabatee socho’a – Pireezidaanti Shimallis

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Mootummaan Naannoo Oromiyaa Imaammataafi Tarsiimoo tokko lama jedhamanii lakkaawwaman qabatee socho’a jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisan.

Guutuun ergaa isaanii haala armaan gadiin dhiyaateera.

Hoggansi keenya sadarkaan jiru, dhimmoota jajjaboo shan armaan gadii irratti garaagarummaa hubannoo tokko malee socho’u qaba. Isaaniis: 1. Haala keessa Jiru; 2. Maal akka hoogganu 3. Maal akka hiiku 4. Maal akka hojjetuufi 5. Kallattii/hamma/sadarkaa ittiin waan hunda hojjetuudha. Caasaan olii hanga dakaa hubannoo tokkoon gaggeessummaa yeroofi dhimmoonni armaan olii barbaadan kennuuf qabxiilee kanneen sirnaan hubachuu qaba.

A. Haala Keessa Jiru beekuu

Haalli adunyaa jijjiirama baay’ee ariifataa ta’e keessa jiraachuu hubachuun, walitti dhufeenyi, gamtaafi hariiroon (power relations) humnoota adunyaa adda addaa gidduu jiru dhaabbataa miti; jijjiiramni hariiroo kun yeroo yerootti kan jijjiiramu osoo hin taane, ammaa amma jijiiramaa jira. dhimmi biraa sirnaan hubatamuu qabu gaaga’ama diinagdee adunyaa raasaa jirudha. Gama biraatin Jijjiirama Hubannoo Nam-tolchee” (Artificial Intelligence) irratti jiru sadarkaa hin yaadamnerra gahaa jira. Kana immoo guyyaa guyyaadhaan ofbarsiisaa deemuuf qopha’ummaan yoo hin jiraanne hafoo (obsolete) taanee hafna. Barnoonni, Faayinaansiin, Daldalli, Qonni, Waraanniifi Waldhaansi Fayyaa harka caalu teeknoloojiidhaan adeemsifamaa jira.

Hoggansi keenya balaafi carraa inni fidee dhufe hubatee itti fayyadamuu qaba. Amalootaafi dhiibbaa waraana biyyoota(humnoota) adunyaa gidduutti gaggeefamaa jiru hubachuun amala biroo gonfachuun murteessaadha. Hubannoon hiyyummaafi duubatti hafummaa hamaa biyyi keenya, naannoofi ummanni keenya keessa jiru irratti qabnus murteessaadha. xummura irratti akka hoggansaafi dhalootaatti nuti kan dhaalle biyya ijaaramtee hin xummuramne, dhugaa waloo hin qabnee keessatti gaggeessaa ta’uu libsuu ijaatiif dagachuu hin qabnu.

Dhimmoota jajjaboo asii olitti tarreeffaman haala qabatamaa kanaa oliitti tuqne keessatti raawwanna waan ta’eef amala hoggansa keenya waliin hojjechaa jirruus adda baasanii beekuun gaarii ta’a. Haala qabatamaa asii oliitiin hoggansa keenya yoo ilaalle hoggansa gosa sadii qabaachuu keenya barra.

Hoggansi keenya tokko boodatti harkisaadha. Kan lammataa hoggansa bakka jirtutti mugsaa yoo ta’u, sadaffaan fuulduratti furguugaadha. Sadanuu bu’aa sababa gosa tokkooti. Dhimmi murteessaan sababichaa (haala keessa jirru) osoo hin taane akkataa ittiin ilaalleedha. Erga kana hubannee booda, gaaffii duraa ta’uu kan qabu “maal hoogganna?” kan jedhudha.

B. Maal Akka Hooggannu Beekuu

Hoggansi keenya sadarkaan jiru burjaajii yaada wal dhahaa keessaa bahee dhimmoota murteessoo sadii irratti xiyyeeffachuun hogganuu qaba. Isaaniis:
1. Tarkaanfii addaa (New Initiatives)
Hoggansi jijjiiramaa keenya akkuma angootti dhufeen waa lama hojjate; tokkooffaan seektaroota murteessoo muraasa diinagdee naannoofi biyya keenyaa ceesisuu danda’an adda baasuu yoo ta’u, inni lammaffaan hojii idilee cinaatti, tarkaanfii addaa (new initiatives) bocuun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama fiduudha. Milkaa’inni yeroo gabaabaa keessatti gama baadiyyaa (qonna, qabeenya uumamaa), hawaasummaa (barnoota), Magaalaa (galii) irratti argame bu’aa murtoo kanaati. Fuldurattis gama hundaan seektara hundaaf tarkaanfii addaa bocuun kan sochoonu ta’a jechuudha.
2. Tajaajila Mannen Hojii Mootummaa
Dhimmi kenniinsa tajaajila mootummaa fedhii tajaajilamaa guutuufi yeroo isaa eegee dhiyeessuu danda’uufi dhabuu dhimma mootummaa ta’uufi mootummaa ta’uu dhabuuti. Yeroo ammaa, ummanni keenya tajaajila mootummaa irratti itti quufinsa akka hin qabne ifatti amannee hooggansa furmaataa ta’uuf of qopheessuu qabna. Gama kanaan, hoggansi kenninu dirqama seera bahuu bira tarree, tajaajila qulqulluu, si’ataa, akkasumas baasii, yeroofi humna tajaajilaafi tajaajilamaa qusatu ta’uu qaba. Sadarkaa wal xaxaafi harkifataa kenniinsi tajaajila mootummaa irra jiru hubannee hoggansa kalaqaan masakame kennuun dirqama.
3. Haala
Hogganaan kamuu haala akka hoogganu hubatee socho’uu qaba. Haala yeroo jennu siyaasa, nageenya, diinagdee, haala hawaasaa, haala qilleensaa, walitti dhufeenya humnootaa naannolee ollaa, qaxanaa biyyaa, rakkoo name-tolchee, rakkoo umamaa, caasaa adda addaa dabalata. Rakkoon gama kanaan jiru hoggansi tokko tokko haala irratti rarra’uu barbaadudha. “Maalif kana ykn sana hin milkeessine?” yeroo jedhamu “haalli isaa waan akkana ykn akkas ta’eefi” jedha. Mootummaan naannichaa kana booda sababa akkasii hin dhaggeeffatu. Haala jiru hogganee hojjechuun dirqama hogganummaati.

C. Maal Hiikuf Akka Hojjetu Beekuu

Dhimmi murteessaan biraa hubatamuu qabu ”maal Hiikuuf Hojjenna?” kan jedhudha.
1. Adaa qusaana jijjiiruu
Aadaa qusanna jijjiiruuf hojjechuu qabna.
Diinagdee naannoofi karoora Badhaadhina Maatii irratti qabanne milkeessuuf aadaa qusannaa hawaasa keenyaa jijjiruu akkasumas walgahiinsa Faayinaansii Baadiyyaa irratti kutannoon hojjetamuu qaba. Milka’ina Kanaaf, ummanni keenya hundi qaama karoora badhaadhina maatii ta’uufi caasaan mootummaa hanga maatitti, namni kamuu maal akka hojjetu? Kan hojjetu irraa meeqa akka argatu? Kan argatu irraa meeqa akka qusatu? karoorsee hojjechuu qaba. Hawaasni waan omishe hunda sooratu, hanga fedhee yoo omishe maraammartoo hiyyummaa keessaa bahu hin danda’u. Ummanni hin qusanne boruu hin qabu. Ummanni boru hin qabne hiyyummaa mo’achuu hin danda’u. kanaaf hawaasa qusannaa aadeffate umuun dirqama. Bara 2016 irraa kaasee namni hundi aadaa qusannoo akka horatu hojjechuun jijjiirama fiduun dirqama.
Gama biraatiin, waliin gahiinsa faayinaansii baadiyyaa (rural financial inclusion) milkeessuun qonna keenya qaama sochii faayinaansii taasisuun ceesisuu qabna. hundeeffamni baankii Siinqee rakkoolee gama kanaan jiran hiikuuf kan kaayyeffateedha.

2. Intarpiiyuunarummaa daggaagisuu
Intarpiriyinarummaa dagaagsuuf hojjechuu qabna.
Akka nama dhuunfattis ta’ee akka mootummaatti amala Intarpiriyinarummaa gonfachuun dirqama. Intarpiriyinarummaan gama tokkoon fedhii ykn rakkoo gabaa/hawaasummaa keessatti mul’atan gara carraatti jijjiiruun sona diinagdee dabaluudha. Gama biraatiin, ammoo fedhii gabaa kana dura hin jirre uumuun sona diinagdee dabaluudha.
Akka hoggansa caasaa mootummaatti ammoo, Mootummaan Intarpiriyinaraa ibsituuwwan armaan gadii akka qabu ifatti hubannee socho’uu qabna:
i. Mootummaa damee hedduu walitti hidhee sochoosu (‘damdaneessa);
ii. Humna ummataa (waloo) fayyadama;
iii. Gabaa uuma; kana yoo jennu, hir’ina gabaa furuu irra taree, fedhii gabaa haaraa uumuu gaafata
iv. Kufaatii gahuu danda’uu dursee kan fudhatuu (risk taker) dha;
v. Gama tokkoon kalaqaa (creative) dha; gama biraatiin ammoo kalaqoota jiranittii haalaan fayyadama
vi Ariitiidhaan raawwata;
vii. Carraalee argaman ni buta; kana jechuun, rakkoo hiikuu qofa osoo hin taane, carraa guddaatti jijjiira;
viii. Omishaafi oomishtummaa giddugaleeffata;
ix. “Imagine” gochuu danda’a, dilbiifi miidhagina dhokate baasee argisiisa.
Walumaa galatti, saamicha, hannaafi dhibaa’ummaa keessaa baanee miiliyoonota amaloota intarpiriyinarummaa gonfatan baafnu malee badhaadhina jennu milkeessuu hin dandeenyu. Kanaafuu, namoota amaloota akka kanaa qabanii haala mijeessudhaan baay’isuun dirqama hoggansa kanaati.
3. Al-seerummaa too’ata
Seer-alummaa yeroo jennu seerotaafi labsiiwwan sochii dinagdee sakaalaniifi sochii dinagdee irratti too’annoo dhabuu hammata. Isa duraa irratti hojii hojjanneen mootummaan federaalaa seera/labsii faayinaansii baadiyyaa dhiibu akka haaromsu taasisuu dandeenyee jirra. Rakkoo to’achuu dadhabuun biyya keenya qara lamaan dhiigsaa jira: inni tokko yeroo bahu inni biraa yeroo galu. Ollaan keenya Keniyaan albuuda bool’a tokko osoo hin qabaannee addunyaa dursaa jirti. Kaan keessatti hattoonni biyya keenyaa qooda guddaa qabuufi.
Meshaalee Sharafa kanaan galchan irraa bu’aa %1000 buufatan malee gabaadhaaf hin dhiheessan. qara lamaan dhiigsuun kana.
Walumaa galatti, seer-alummaa osoo hin to’anne diinagdee ceesisuuf yaaluun, qalqalloo urataa qawwa qabu guutuuf yaaluu akka ta’e hubannee, akka naannoo, biyyaafi qaxanaatti al-seerummaa moo’achuuf socho’uun dirqama.

D. Humnaa Maal Fayyadamee Hojjechuu Akka Qabu Beekuu

Maddi humna keenyaa sadi ta’uu haa hubannu:
1. Humnaa dhuunfaa badhaadhina maatii;
Hooggansi kamuu karoora mootummaa kanaan dura caasarratti rarra’ee hafe gadi bu’ee maatii bira akka gahu hojjachuu qaba. Haaluma kanaan, maatii tokkoon tokkoon maal hojjechuu akka qaban, ammam argachuu akka murteessan akkasumas meeqa qusachuu akka qaban karoorsuu irratti gargaaruun qabeenyi akka uumamu hojjechuun dirqama.
2. Humnaa waloo;
Carraa lama nuuf kenna: gama tokkoon baajata mootummaatiin ol humna qabnu fayyadamnee imala badhaadhinaa qabanne milkeessuu keessatti humna dabalataa yoo nuuta’u, gama biraatiin ammoo ummanni keenya dudhaa isaa galamaatti deebisa.
(Tajaajila Lammummaa, Gaachana Sirnaa, Busaa Gonoofafi Mana Murtii Aadaa;
3. Bajaata mootummaa;
Baajata mootummaa yeroo jennu, irra caala galii waliin walqabata. Hooggansi kun dandeettii galii maddisiisuu duguugee fayyadamuudhaan madaalamuu qaba. Bara kana karoora birrii bil. 144 walitti qabuuf kaawwanne milkeessuu qofa osoo hin taane birrii tokko akka hin deebinetti hojjechuu qabna. Asirratti aanaaleen waa tokko beekuu qabu. Galii walitti qabuuf karoorfatanii ol yoo sassaaban, mootummaan naannoo irraa hin fudhatu. Akaataa hojimaata faayinaansitiin deebisee akka baajatatti kan labsuuf ta’uu himuun barbaada.
Walumaa galatti, galii dabaluu qofa osoo hin taane, qusannaadhaan itti fayyadamuu irraatti hooggansa bilchaataa kennuun dirqama.

E. Kallattii Ittiin Hojjetu Beekuu

Duraan dursee, hooggansi naannoo keenyaa hiyyummaafi boodatti hafummaa hamaa keessa akka jirru hubachuu irraa ka’uu qaba. Milkaa’inni maldhataa jirus, miila liqimsaa seena baafachuuf kan dandeessisaa jiru malee, kan nama tarkaanfachiisu akka hin taane hubatee itti quufinsa irraa of fageessuu qaba. Maraamartoo hiyyummaafi boodatti hafummaa keessa jirru keessaa bahuuf waan hunda yeroo hojjennu kallatti kanneen hordofuu qabna: (1) Baay’ina; (2) Qulqullinafi; (3) Ariitii.
Gaaffiin hidhannoo kanneeniin akkamiin maal milkeessina jedhu ka’uun isaa hin hafu. Daandiin keenya IDA’AMUU, galmi keenya BADHAADHINA.
IDA’AMUUN imala haala hubataa (pragmatism) dhaan taasifamu.

F. BADHAADHINNI Fidu Maal Akka Mirkaneessu Beekuu

Hooggansi haa hafuutii kara deemaan tokko badhaadhina yoo jennu akka hubatutti hojjechuu qabna. Badhaadhinni jiruu (1) nageenya waraan, (2) misoomni hunda galeessafi (3) mirgi dimokraasii keessatti mirkanaa’e. Haata’uuti rakkoo akka kanaa keessa teenyee waa’ee nageenya waaraa, misoomafi dimokraasii haasa’uun qoosaafi waan hin milkoofne fakkaachuun hin oolu. Maraamartoo kana keessaa bahuuf hooggansi keenya waa tokko gochuu qaba; ummata keenya dukkanni rakkinaa haguuge kana dhuma boolichaatti ifa akka argu. Yeroo san, abdii horata; nullee abdachiisa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.