Fana: At a Speed of Life!

Boru hiriirri maqa balleessii Raayyaa Ittisaa balaaleffatu ni gaggeeffama

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Dargaggoonni Ityoophiyaa boru hiriira maqa balleessii Raayyaa Ittisa biyyaa balaaleffatu gaggeessuuf ta’uu ibsameera.

Magaalaa Finfinnee dabalatee Kutaalee biyyattii keessatti hiriira gaggeeffamu ta’uu koreen Qindeessituu hiriirichaa beeksiseera.

Aangoon humnaan argamu waan hin jirreef qaamonni maqa balleessii Raayyaa Ittisa biyyaa irratti gaggeessan gocha isaanii irraa akka of qusatan dargaggoonni kunneen dhaamaniiru.

Hiriirichi guyyaa boruu Naannoo Oromiyaa Magaalaa Shaggaritti kutaa magaalaa Kooyyee Facceetti gaggeeffamuun kan eegalu ta’uu eerameera.

Olyaad HaajiAhmaditu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.