Fana: At a Speed of Life!

Jilli Obbo Geetuu Gammachuun durfamu naannawaa Hara Wanciitti Biqiltuu dhaabe

Finfinnee, Hagayya 6, 2015 (FBC) – Jilli Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun durfamu naannawaa Hara Wanciitti Biqiltuu dhaabeera.

Naannawaa hawwata turizimii haroowwan Wanci Dandii kuduraa fi muduraan misoomsuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Oromiyaa beeksiiseera.

Biiroon qonnaa Oromiyaa waggoota 3 dhufanitti daangaa piroojektichaa keessatti Muduraa garaa garaa dhaabuu, misooma dammaa,horsiisa looniifi hojii qonnaa, madda galii dabalataa hawaasa naannichaa ta’an dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.

Hanga ammaattis Naannoo pirojektichaatti biqiltuun kuma 110 kan dhaabame yoota’u kana keessaa biqiltuun kuma 30 ta’u Muduraa ta’uu OBN gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.