Fana: At a Speed of Life!

Weerara Awwaannisaa Naannoo Tigraayitti mudate ittisuuf deeggarsi cimsee akka itti fufu gaafatame

Finfinnee, Hagayya 5, 2015 (FBC)- Mootummaan weerara Awwaannisaa Naannoo Tigraayitti mudate ittisuuf deeggarsi taasisu cimee akka itti fufu Biiroon Qonnaa fi Qabeenyaa Umaama Bulchiinsa Yeroo Naannichaa gaafate.

Daayrektarri Koominikeeshinii fi Qunnamtii Ummataa Biiricha Obbo Mikaa’eel Miruuts turtii Faanaa Biroodkaastingi Koorporeet waliin taasisaaniin, naannichatti baatiiwwan lama as raammoon geerii mudachuu ibsaniiru.

Raammoon kun Aanaalee 31 keessatti lafa heektaraa kuma 28 fi 41 irratti mudachuu eeruun, kanas mala aadaa fi Keemikaaloota adda addaa biifuun to’achuun akka danda’ame ibsaniiru.

Haluumaa wal fakkatuun, rammoon ‘Barnoos’ jedhamu godinaalee naannichaa 5 keessatti mudachuu ibsuun, mala aadaa fi Keemikaaloota adda addaa biifuun to’anna jala olchuun akka danda’ame kasaaniiru.

Weerara Awwaannisaa Ittisuuf koreen mootummaa Fedeeraalaan hundaa’e gara naannichatti imaluun hojii adda baasuu fi qorannoo gaggeessuu hojjechaa kan jiru yoo ta’u, weeraricha ittisuuf tattaaffii mootummaa cinaatti Dhaabbanni Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa akkasumas dhaabbiileen biroon deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.